HUDHAA Kutaa 6ffaa
Asoosama Jaalalaa

Hawwiin "Roobeeraa" jette. Roobeeraanimmoo "Ooko" jedhe.

Hawwii:- "Na jaallattaay?"

Roobeeraa:- "Sin jaalladha yoon jedhe kan sobanis kan taphatanis sin jaalladha jechuun nama baay'eetu jecha kanatti fayyadama. An garuu akkan itti sitti himu ganaa yoon itti yaade malee akkan itti ibsun dhaba" jedhe.

Hawwiinimmoo "Roobeeraako ati kennaa adda ta'e kan uumaakoorraa naaf kennamtedha malee kan an itti yaadee yookiis itti yaaddee walitti dhufne miti guyyaan har'aa kun naaf guyyaa addaadha." ittiin jette.

Roobeeraan immoo "Ati akkamitti akka naaf kennamte naaf gaaffiidha. Kun anaaf abjuu ture. Anis jaalalli namaa takkaa nan qabin jaalalli kee humnaan na mo'ate. Jaalalli keenya kun deebii ati gaafa qophii barattootaa laatte sana keessaa isa tokkoof isa angafaati" jedhe. Waliin dudubbachuun itti fufan....Akkuma amala isaanii boqonnaatti lafa burtukaanaatti walagarra jechuun deemanii taa'an.

Keenboon mana barumsaa akkuma gaheen fuula isaarraa miirri aarii nii mul'ata. Gara roobeeraa deemuun "maal taateeti kan utuu nan waamin deemteef" ittiin jedhe. Roobeeraanis "atimmoo akka nama abbaa murtii takka baratee gaaffii baayyifta. Yoo xiqqaate hoogganaa ofii kootii ta'uu hin danda'uu an?" jedheen.

Keenboonimmoo:- "Ufff haasaa isa akkasii utuu hin taane tapha kee yaadeera. maalif garuu ati akka durii hin taphattu" jedheen.

Roobeeraa:- "Har'a dhiifamaa wajjin waajjira comedy irraa walgahiif gara waajjira Y.X.R.J (yaada xiinsammuu rakkoo jaalalaa) na ergani kanaafi" jedhe. Akkanumatti taphaan aariin keenboon irraa galee barumsa isaanii jalqaban.

Akkuma jedhan Roobeeraaf Hawwiin boqonnaatti burtukaana daree isaanii fuulduraa jalatti wal argan. Keenboon akka tasaa ta'ee akka mana barumsaatti barataa dandeettii addaa qabu jedhamuun walgahiif waamamee mana barumsaarraa ergameera. Siifanimmoo mana barnootaa hin dhufne.

Roobeeraaf Hawwiin kophaa isaanii waan garaa isaanii waliin haasa'aa burtukaana jala waan taa'aniif ijoolleen kan biroon bareedinaafi wal fakkeenya isaaniirraa kan ka'e ilaaluun kolfaafi akkaataa waliin taphannaa isaanii ajaa'ibsiifatu.

Ijoolleen daree isaaniis wal jaallachuu isaanii gaafa baran "Ijoolleen kun wal jaallatan" jechuun kanneen dhiiraas durbaas torban tokkoof mata duree haasaa isaanii godhatan. Kan duraan Roobeeraa hawwuu fi kan duraan Hawwii hawwaa ture hinaafuun isaaniis hin oolle. Guyyaa har'aa kana Roobeeraaf Hawwiin burtukaana jala taa'anii qilleensa nagaa biqiltuu naannoo sanaarraa darbataman unachaa haasa'u turan.

Roobeeraa:- "Hawwiiko addunyaa kanarraa guyyaan har'aa guyyaa maalii jedhee akkan moggaasu naan galu"

Hawwii:- "Anaan garuu maal jedhee akkan itti gammachuukoo ibsadhutu na dhiba" jettee haasoftee utuun xumurin Roobeeraa ofitti qabdee dhungatte. "kanaan xinnoo naaf ha yaratu" jette.

Roobeeraanis itti siqee maddii ishee isa burtukaana kana yoo cuffatanuu hin quufamne dhongoon haleele. Bilbilamnaan lamaan isaaniituu miiltoo waan hin qabneef “gaafa gallu waliin galla” jedhanii gara daree seenan.

Gara manaa galuun gaafa gahu lamaan isaaniituu wal eeganii wal cina bu'anii haasa'aa kolfaa waliin deemu ture. Hawwiin harkasaa qabattee takka achi harkisaa as harkisaa deemti. Mana Hawwiifaatti dhiyaachuu namni yaadate hin jiru.