HUDHAA Kutaa 7ffaa
Asoosama Jaalalaa

Jalqabbii fedhii fi bu'aa hawwii isaanii jalqabaatiin gammachuudhaan boora'anii gaafa tokko haasa'u inni tokko dhaggeeffataa ta'ee, Gaafa tokko dhaggeeffatu inni tokkommoo dubbachaa woliin ta'anii addunyaa haaraa tokko uummatanii woliin bar'isaa, Gammachuu keessa isaaniitti uumame jechoota babbareedoo fayyadamuun woliif ibsaa 

Utuma deemanii lamaan isaanii walitti hirkachaa walitti siqanii gidduu isaanii mixiin hin baatu ture. Haati Hawwiimmoo manaa baatee gara dunkaana mana isaanii fuulduraa deemaa utuu jirtuu gaafa gadi baatu waan raajii argite. Haati Hawwii, Hawwii fi Roobeeraa wal biratti akkuma argiteen dinqisiifattee afuura dhokfattee bira geesse.

Hawwiin akkuma haadha ishee argiteen naatee quba ishee isa abguudduutti aanu ilkaaniin ciniinte. Haati Hawwiis callistee dhaabattee Hawwii ija keessa ilaaluu jalqabde. Hawwiidhaaf yaadni tokko dhufe.

Akkas jette "Harmee eessa deemta?koottu mucaa kanaan wal bari. barataa daree kootii 1ffaa narratti bahudha. Animmoo isarratti lammaffaadha. Barsiisaan hojii tokko waan nutti kenneef isa mari'achaa jirra. Kitaaba ergifachuufis asiin bahe" jettee harmee ishee haasaadhaan amansiifte. Haaluma kanaan wal barsiisuun gara manaa wal biraa galan.

Abbaan Hawwii obbo Gammachiis jedhama. Haati Hawwii aadde Ulfinee jedhamti. Hawwii baay’ee jaallatu. Sababni isaas ishee malee mucaa hin qaban. Isheen hamma Roobeeraa turuu haa dhiiftu malee mucaa dhabaan argamteedha. Warri Hawwiifaa of haa jiraachisan malee qabeenya irraa hafaa jedhamee yaadamu hin qaban ture. Hawwiin mucaa bareedduu waan taateef ija namaatiin hawwatama qabdi.

Obboo Gammachiis hiriyaa isaanii tokko waliin baay’ee wal jaal'atu turan. Hiriyaan isaanii kun qabeenya waan qabuuf baay’ee isaan bira dhaabbata ture. Gaaf tokko haati manaan hiriyaa isaanii kun itti heerumtee waggaa ja'atti irraa duute. Hiriyaan Obboo gammachuu kun sanyii koo kan ittiin jedhan dhala illee waan irraa hin arganneef gadda guddaan guutamee baay’ee miidhame.

Maarreegaa yeroo kanatti Obbo Gammachuun hiriyummaa isaanii kana itti agarsiisuu yaadanii ha ta'u "firummaa keenya cimsinee itti fufuu qabna" yaada jedhuun waadaa tokko waliif seenan.

Innis abbaan Hawwii "gaafa mucaankoo barumsa xumurtu Siifan kenna" jedhanii Waadaa kana seenaniif. Hiriyaan isaanii ammoo "hanga jirtutti qabeenyan qabuun si biran dhaabbadha, kankoo jechuun kankeeti" jechuun Waadaa hiriyyummaa waliif seenan.

Gaaf tokko abbaan Hawwii ala taa'a ture. Hawwiinimmoo baruulee ishee dubbifti turte. "Hawwiiko mee tokkittiiko kottumee" jedhee Hawwii ofitti waamee “sin gorsaa taa'i mucaakoo” jedheen. Hawwiinis "tole" jettee teesse.

"Hawwiikoo ati mucaa bareedduudhas amala qabeettiifi hojii beekta. Haasaallee akka jaarsaa haasofta. Nuti abdiifi kaayyoo sirraa qabna. Ijoollee si'anaatti hin dhiyaatin. Nuti abbaa qabeenyatti si heerumsiisnee ofiis karaa kee fayyadamna. Kanaaf mucaa isa koobeeraamoo Roobeeraajettu sanayyuu ijoollee bara kanaa waan ta'eef itti dhiyaachuukee hin barbaadu. Qayyabannaa yoo ta'e kophaa kee dubbisi" jedheen.

 Hawwii:- "Abbaakoo baay’een si jaalladha sin kabajas, an ammallee taanaan barumsatti cimee gaafan hojii argadhu ofii kootii isin gargaaruun barbaada malee heerumaaf iddoo hin qabu. Anaaf barumsi hamman iddoo danda'ame gahutti miiltoo kophaa kooti. Kanaaf kana yaadakee keessaa balleessi.

 Roobeeraan mucaa gaariidha. Akka ijoollee baraas miti. Inni nama barumsatti xiyyeeffatuuf nama kaayyooo barumsaa qabudha! Nama akkasii argattee osoo hin taane barbaaddeeyyuu argachuun yeroo kanatti rakkisaadha. Kanaaf wajjin qayyabachuuf malee yaada biraaf miti. Abbaako atis barumsa kootti akkan cimuuf waan barbaachisaa ta'een na bira dhaabadhu" jetteen. Abbaan Hawwiis haasaashee dinqisiifatee yaadasaatti "ani hammasheen barattee fixxutti gammachuu hin godhadhuu?" jedhee ofitti haasa'a. Takka turee "tole deemi booda haasofnaa" jedheen.

 

Hawwiifi Roobeeraan har'a sa'atii 2tti beellama qabu. Hawwiin ganamaan kaatee ciree qopheessitee, waan hundumaa xumurtee, maatii ishiis hirribarraa kaaftee ciree erga nyaatanii booda "har'a mana barumsaatti hojiifi beellama addaan qaba" jechuun uffata jijjiirratte. Dur uniform kan uffattu amma uffataa aadaan faayamtee, kan duriirra daran bareedina goonfattee adii geeba fakkaattee qajeelte.

Baredinni ishee har'aa dhiirota ishee gaafachiisa isoo hin taane "kun yoon gaafadhe na harrabsiti" jechuun dhiirota of tuffachiisa. Karaan isheen jalqabde ka'umsa isheerraa utuu hin fagaatin Roobeeraaf bilbilteefii "eessa jirta? an manaa ka'eera" jetteen. Roobeeraanis "lafa beellamaattin si eegaa jiraa kottu" jedheen.

Hawwiinis lafa beellamaa deemuuf deemsa jalqabde. lafi beellama isaaniis iddoo hawwataa lafa daraaraa namni hin jirreefi namatti toludha ture. Utuu lafa beellamaa hin gahin karaan nama sodaachisuufi biqiloota gurguddaan weerarame tokko nii jira. Hawwiin jaalala dhugaa Roobeeraatiin waan mo'amteef sodaa tokko malee iddoo nama naasisu keessallee sodaa malee dabartee lafa beellamaatti dhiyaatte. Gidduuma kanatti dudduubaan harki tokko ija ishee cimsee qabe.