HUDHAA Kutaa 8ffaa
Asoosama Jaalalaa

 Iyya guddaa hamma isheen iyyuuf kaatutti hin gad dhiifne ture. Isheenis amma waan sodaatteef "nan iyya" ittiin jette. Kan ija ishee qabe garuu Roobeeraadha ture. Sagaleesaa bareechee "Hawwiiko" jedheen. Yeroo kana Hawwiin gammachuun guutamtee gaafa inni harka irraa fuudhu wanti agarte hunduu abjuu itti ta'e.

 Roobeeraan har'a akka ishee uffata aadaa uffatee bareedee, Abaaboo lafa kaa'e harka isaatiin fuudhee miilla ishee jala jilbeenfatee "jaalalan siif qabu jireenya koo keessatti yarachaa deema osoo hin taane akka bishaan qodaa duwwaatti naqamuu guyyaa guyyaatti dabalaa deema. Jijjiirama kana faana anis of jijjiiree yookiin yaadakoo jijjiiree hin argamne. Hawwiikoo kennaa kana seenaadhaaf godhadhu. Namni raawwateefan raawwadha osoo hin taane jaalala koo akkaataan ittiin siif ibsu naaf galuudideeti yookiinis dhabeeti." jedheen.

 Hawwiinis waadaa kana harkaa fuuchuun dura jecha abbaashee hoogganuu dadhabdee yaadashee keessa naannessiti. Abbaafi haatishee amaanaa tokko haa didduyyuu malee itti kennaniiru. Isa irratti dabaluun ammas amaanaa lammaffaa godhattee fudhachuu ishiiti.Sagaleeshee gadi qabdee "Roobeeraako onnee koorraa sin jaalladha" ittiin jettee abaaboo kennameef kabajaan fudhattee lafa beellama isaanii deemuun taphachuu jalqaban.

 Taphni isaanii tapha hayyootaa kan fakkaatu jaalala dhugaa agarsiisaa gaarummaa kan mul'isudha. Hawwiin walaloo barreessuu baay’ee jaallatti. Sammuu ishee waan guutes ammuma walitti fiddee uumti. Utuu taphataniis Hawwiin gidduutti lafaa kaatee "walaloon siif walalessaa seeraan na hordofi" jettee. Lafaa ol kaate.

"Roobeeraa jaalalleeko

Sin jaalladha dhugaadhaan

Haa baayyatuyyuu malee

Sirkaan fudha adaraadhaan

Jaalallikee faayadha

Dabala bareedinaa

Akkamittan siif ibsa

Inni kankoo adduma

Jechootan hin qusadhu

Dubbadhees hin fixadhu

Haa beekus haa wallaalus

Ha jal'atus ha tolus

Maaliinan si'iif ibsa?

Jecha jaalalaa keessaa

Maqaa addaawoo qabaa?

Tarii at yoo dhageesse

Irra deddeebi'uutu

Jechicha xiqqeessis

Dhiisuufis hin danda'u

Himuufis jechan dhaba

Dhumasaa maaliin ibseen

Akkamiin bira darba

Maddiirra na dhungadhu

Irraa naaf ha yaratuu

Sabboonaa koo bareedaa

Siif jecha nii jiraatu

"Ittiin jette. Innis kanisheen jette maddii bareedaa sanarra tokko aleeleef. Guyyaa gaafa sanaa nagaadhaan wal biraa galan.

 Guyyaa tokko dilbatarra abbaan Hawwii keessummaa fudhatee manatti gale. Gaafa sana akka tasaa ta'ee Hawwiin mana hin jirtu turte. "Haadha Hawwii" jedhe har'a akka durii ofiin ol galuu dhiisee. Haati Hawwiimmoo "oo… dhufe" jettee, "har'ammoo maaltu ta'e laata kan balbalarra dhaabbatee na waamu" jettee gadi itti baate. "Keessummaa dubbisi ittiin jedhe". Haati Hawwiis harka fuutee dubbiftee "nooraa! Oluma seenaa..." Jetteenii erga teessiftee boofa "Haasa'aa an deemeen buna danfisaa" jennaan keeessummaan isaanii "lakkisaa! hin barbaachisu.

 Dhimman dhufeef raawwadheen iddoon deemu qaba. Deebi'aa taa'aa" jedhe. Haati Hawwiis deebi'anii taa'an. Abbaan Hawwii "Dubbadhaa" jechuun marii isaanii jalqaban. Akka inni Hawwii fuuchuuf waan gaafatame hunda nan kenna, waan barbaachisus isiniifan guuta jedhe haadha Hawwiitti himan. Haati Hawwiis dhimma kana dura keessa waan beektuufi qarshii akka maatiitti isaan barbaachisu waan barbaadduuf tole jettee yaada isaanii cimsite. Jaarsummaa akka erganiif waadaa waliif galanii wal geggeessan.

 Hawwiin Roobeeraa maatii ishee waliin mana isaanii geessitee erga wal barsiiftee amallisaa waan namatti toluuf baay’ee isa jaallatu. Kanumarraa kan ka'e shakkiin homaa isaan keessa hin buufanne ture. Gaafa inni mana isaanii hin dhaqin oolu "maal ta'ee hin dhufnee?" jechuun Hawwii gaafatu. Roobeeraan gaafa mana Hawwiifaa deemu isaanuma biratti Hawwii baay'ee qayyabachiisa. Hawwiinis erga Roobeeraa faana deemuu jalqabdee waan hundumaatti karoora godhattee jiraachuu jalqabde. Hojii isa durii caalaa barumsa ishees akka gaariitti hordofti turte.

 Kan hin beekneef Roobeeraaf Hawwiin akka obbolaatti ilaalamu. Sababni isaas maatiin isaaniillee sababa Roobeeraa fa'iin wal baruun hiriyaa wal godhatan. Roobeeraaf Hawwiidhaa yeroon waan mijatteef isaanis wal bira oolu. walittii hin bahan turan. Guyyaa tokko Roobeeraa fi Hawwiin mana Hawwiifaa fuuldura gaaddisa taa'anii qayyabatu turan. Isaanis ija keessa wal ilaalaa walitti kolfaa wal rurrukutaa miira gammachuutiin tattaphachaa kitaaba dubbisu.

 Akka tasaa ta'ee Hawwiin kitaabarraa waa argitee Roobeeraadhaan "kana ilaali" jetteen. Roobeeraanis "maalidha laata?" jedhee gara kitaabaa ilaale. Kana gidduutti haati Hawwii "Hawwii kottuu kana naaf kennimee" jetteen.

Hawwiinis "Tole dhufe harmee! Roobeera asumatti na eegi amman deebi'a" jettee deemuuf yeroo jettu, Roobeeraan "anis galeen deebi'a" jedhee wal biraa deeman. Utuu wal bira oolanii bulanii wal hin quufan. Ammas Qaamaan wal biraa galan malee yaadaan wal bira jiru. Haati Hawwiis "uffatan ofirra buusee boqodhu naaf kenni nan rafaa" ittiin jette.

Hawwiinis uffata kenniteefii ofii isheetii nyaata qopheessuuf uffata jijjiirrachuuf kutaa ishee seentee suuraa Roobeeraa ilaaluu jalqabde. "Baguma koo ta'e" jechuun sagalee gammachuu keessa isheetti dudubbatti. Roobeeraanis erga manatti galee yaadnisaa Hawwii bira qofa ta'e. Nyaata baay’ee hin nyaatu, utuu halkan halkanis barnoonni jira ta'ee nii fedha ture. Yaada baay'isa. Iddoo tokko yoo ilaale hamma Daqiiqa kudhanii olii ilaalaa tura. Ajab dhibee JAALALAA!

 Itti fufa