HUDHAA Kutaa 9ffaa
Asoosama Jaalalaa
Haati Hawwiifaa jaarsummaa lammaffaa keessummeessuuf qophii irra jiru. Hawwiin ammayyuu wanta ta'aa jiru hin dhageenye. Roobeeraan har'a yeroo jalqabaaf haadha isaarraa dhaga'uu isaati. Halkan keessaa sa'a afur ture. Haati Roobeeraafi abbaan Roobeeraa waliin dudubbatu turan. Roobeeraanis callisee ciisee dhaggeeffata ture.
Haati Roobeeraa "Abbaan Hawwii akkamittiin mucaa bareedduu ijoollee dheengadda dhalatte kana nama hammana ga'uuf kennuuf deemaa?" jette. Abbaan Rooberaammoo "rakkoo qarshiitiif jecha mucaa kana kennuu isaaniitti baay’een gadda. Ammahoo jaarsummaan lammaffaayyuu bor ganama dhufuum" jedhe.
Roobeeraan kana gaafa dhaga'u lafti isa hin liqimsu yookiin samaa'iin isa hin fudhatu, mataa isaa isa akka arbuu hurruubee jiru sana harka isaa keessa galchee utuu hooquu sagaleen hooqqaa isaatii haadha isaa biratti dhaga'ame. Haati Roobeeraa "maal mucaakoo tokkichakoo maal si ta'ee mataan? atoo woggaa kana jijjiirama na jalaa agarsiisaa jirtaa" jetteen.
Inni garuu sagaleen haadha isaatii xiqqoon isheetuu gurra
isaa biraan hin dabarre. Yaadaan haasa'a ture "Hawwiiko atis utuu natti
hin himin na awwaalaa jirtaa? Maaf akkas na goota? si malee eenyuttan obsaa?
Dhiiga keenyatoo wal baree, haasaan keenya akkasumaan ta'ee? Moo balleessaan
qabus maalif natti hin himne? Ani si dhabuu hin fedhu. Maal ta'a utuu hin deemiin
funyoo meetira lama osoo naaf Haati Hawwii har'a ganamaan kaate. Hawwii
hirribaa dammaksitee "ka'i buna danfisi.
Hawwiinimmoo "keessummaa maaliitii harmee?"
jetteen. "Lakki keessummaa abbaa kee dubbisuu dhufudha" jetteen. Tole
jettee Hawwiinis buna danfiftee waanta hojjetamu hunda hojjettee xumurtee,
nyaata nyaattee, dabtara ishee fudhattee ala keessee bishaan dhuguu ol seente. Roobeeraan
bari'uu lafaa dhugaa hin seene. Miirri aarii edaa waan keessaa bade hin
fakkaatu. Daddarbatamaa utuu Hawwii hin waamin mana Hawwiifaa bira darbe.
Hawwiin bishaan dhugdee dabtara qabattee gaafa gadi baatu Roobeeraan deemee fagaateera. Sagalee ishee akka ulullee iyyu sanaan ol kaaftee dhageessiftee "Roobeeeraaa!" jette. Gaafa gara galee ilaalu Hawwii ture. Baay'ee waanta sodaateef dhaabatee eege.
Isheenis fiigdee Qaqqabdee "Maalif nan waamne? rakkootu
jiramoo of jajeen ilaala jettee Rooobeeeraaa?" jettee, "sittin haasa'aa
jiraam naaf deebisi" ittiin jette. Roobeeraan yaada lamaan wal falmii
jalqabe. "Itti himuu? Yoon itti hime maal naaf deebifti. Lakki itti hin
himu, kan na dhoksite tariimmoo hin beektuu ta'aa? Waan hundumaafuu gaafa
gallun itti hima" jechuun falmii yaada isaa gidduu
tureef yeroo kennuuf murtoo godhe. Robeeraan Hawwiin akkas jedhe "Hawwiiko har'a waan natti barfateef deemteetta jedheen yaade, yoon balleesse dhiifama" Hawwiinimmoo "Sobaa wayii guyyaa meeqan si dhiisee deeme? moo hiriyaa kan biraan qaba? Roobeera amallikee jijjiirameera.
Rakkoon wayiis jira. Garuu an sammuu kee rakkisuu hin
barbaadu kanaaf siif dhiiseera. Lammaffa itti hin deebi'in" jettee maddii
isaarra dhungatte. Innis sodaachaama dhungate. Hawwiittis gaaffii itti ta'e.
Garuu dhiisuu filatte. Roobeerattis gochi ishee fi yaadi isheen isaaf qabduuf
wanti hojjetamaa jiruuf dhaga'amaa jiru bita itti gale. "Maalumaafuu gaafa
gara manaatti gallun gaafadha" jedhee wajjiniin mana barumsaa deeman.
Haati Hawwii nyaata qopheessitee mana ho'iftee kessummaa eegaa
jirti. Abbaan Hawwiis hirribaa ka'ee waliin keessummaa eegu turan. Keessummaan
isaaniis ni dhufan.
Jaarsolii gurguddoo fi abbaan qabeenyaa gurguddaan har'a mana Hawwiifaa oolan. Dhimmi isaan irratti mari'atanis waayee Hawwii ture. Jaarsoliin beellama qabachuu irratti yeroo cidhaa as butuuf abbaa Hawwiifaa irra deddeebi'anii dubbachuun dirqamsiisan. Abbaan Hawwiifaa garuu mana barumsaa kutaa 12ffaa xurtee waggaa haaraatti ji'a arfaffaa akka cidhi isaanii ta'u jala sararee itti hime. Jaarsoliinis isarratti walii galuun hammasitti wanta xumuramuun ta'u akka xumuran walii galan.
0 Comments