HUDHAA Kutaa 10ffaa

Asoosama Jaalalaa

Abbaan Hawwiis haati Hawwiis waraqaa waadaa irratti nii mallatteessan. "Bakki irra gulufsiisanis argameera, luugamnis qopheeffameera. Garuu fardi gulufsiisan ganaa bitama" akkuma kanaa ammayyuu Hawwiin gudii kana hin dhageenye.

Roobeeraafaan gaafa mana barumsaatii gara manaa galuun gahu wal eeganii Karaa irra bu'anii gara manaatti qajeelaa jiru. Roobeeraan akkamittiin akka gaafatee amansiisu yaadaan dhiph'ata. Bosona bareedduu fi gidduu deemuun namatti tolu, biqilaa bunaa hedduu of keessa qabu keessa bahanii galu turan. Erga achi gahaniis Roobeeraan gaafa haasaa jalqabu, "Hawwii ati na jaallattaa?" jedhe. Hawwiitti bitaa itti galee, "sitti himeen jiras sitti agarsiiseen jiras. Ati garuu maal akka ta'e hin beeku malee har'a baay'ee na shakkita" ittiin jette.

Roobeeranimmoo "eda galgala" jedhee addaan kute. Hawwiin xiyyeeffannaadhaan waan hordofaa jirtuuf "ii…! eda galgala maalan godhe?" Jetteen. Roobeeraanis wanta jiru hundumaa baasee itti hime. Hawwiinis wanta kana gaafa dhageessu afuura fudhattee lafatti kuftee achumaan hafte. Roobeeraan baay'ee nahe. Hawwiin du'aaf jireenyishee walii hin beekamu.

Utuuma naasuun dhiphatuu namni qottoo baatu tokko itti dhufe. Roobeeraanis "amma yoo miidhamtemmoo ragaa natti ta'aa laata?" Kan jedhu sodaan keessa isaa buufate. namichi qottoo baatee gara isaa dhufes "maal taate?" jedhee utuu hin gaafatin qottoo kana naaf qabi jechuun fiigee mana isaatii bishaan meeshaatti fide.

Suuta jedhanii fuulatti akka ishee facaasaan Roobeeraan itti hime. Sababni isaas bishaan kun yoo tortorse warri Hawwiifaa akka irratti hin barreef sodaa qaba. Namichis akkuma Roobeeraan jedhe godhee fuula isheetti facaase. isheen garuu ka'uu hin dandeenye.

Si'a lama itti facaasanii sadaffaa irratti of bartee ija banatte. Erga lafa kuftee ol kaatee garuu maal akka ta'e hin wallaalte. Roobeeraa harka bitaan qabattee "maalan ta'ee?" jette. Namichis "homaa miti, dhukkuba kana durumaa qabdaa?" ittiin jedhe. Kanarratti wanta ta'eef maalif akka ta'e yaadatte. Hamma mana bira geessutti Roobeeraa irraa harkashee hin fuune.

Takka Ofitti qabdi takka nii dhungatti. Kennaakoo ittiin jetti. Jechi "kennaa" jedhu deddeebi'ee afaan isheerra dhufa. Gaafa manatti dhiyaatan gaaffii tokko Roobeeraa gaafatte. "Roobeeraa an siif malee eenyuuf akkan hin kennamne waadaan siif gala atis akka nan ganne waadaa naaf gali" ittiin jette. Lamaan isaanii booyichaan waadaa ijoollummaa waliif galan.

Waadaa ijoollummaa haa ta'uyyuu malee waadaan isheen har'aa imimmaan ija keessa bu'uun ragaa taatee seenamte. Hawwiin Roobeeraa irraa imimmaan haqxi, Roobeeraan ishee irraa haqa. Utuu akkasumaan jiranii dirqamanii guyyaa gaafasii wal biraa galan.

Hawwiin akkuma manatti galteen manni keessi ho'aa ture. Jaarsoliin dhufanii haa galaniyyuu malee akka namni mana isaanii dhufe hin beeksisa. Isheenis wanta kana hubachuun itti hin cimne. Roobeeraan "yaada waaqaatiin ala waanti ta'u tokkollee hin jiru yaada keetiin itti dhiphachuu dhiisi. Dhugaadhaan jaalalakee naaf ibsuu nii barbaadda yoo ta'e wanta ta'eef wanta ta'uuf jiru hundumaatti obsi" jedhee waan gorseef obsuu filatte.

Utuu nama tokkotti hin haasa'in gara kutaa ishee seentee ciifte. Harmeen Hawwii "maal taate intalakoo? maaltu si dukaakessaa?" jetteen. Hawwiinis, "homaa hin taane harmee, ofumaadha" jettee of jajjabeessuu yaalte. "As bahikaa laaqana haa nyaannuu" jechuun waaman. Hawwiinis "tole" jechuun gara laaqanaatti dhiyaatte. Laaqana waliin nyaachaa Abbaan Hawwii haasaa jalqabe. Akkas jedhe "Hawwiiko yeroo darbe wantan siif hime sun jaarsoliin deddeebi'anii na gaafachaa jiru. Anis biyyaa wajjin buluwootii jedheen tole jedheera. Tokkittiiko atumti na gammachiisii argami" jedhe.

Kutaan itii aanu itti fufa