HUDHAA Kutaa 12ffaa

Asoosama Jaalalaa

Isheenimmoo "eeyyee huccuu Roobeeraan natti kenne tokko liqimseera" jette. Siifanimmoo "isatu onneetti si rakkateeree?" ittiin jette. Akkasumaan utuu taphatanii galgalli geenyaan wal biraa gara mana mana isaaniitti galan.

Dukkana waaqni ifattii gargar baase yeroo hojiisaa waan raawwateef dabareesaa ifaaf bakka gadhiisuu jalqabe. Hanga Karaa deemuun isarra jiraatu erga deemeen booda hafteen isaa ifaan liqinfame. Laftis nii bari'e. Roobeeraan erga sinbirroon ganamaa iyyitee hirribni itti mi'aawuu jalqabe. Mana barnootaa waan hin deemneef waanti akkani dafee ka'uuf sababa ta'u hin turre.

Hamma danda'amaa ta'e erga rafee booda haati isaa cireedhaaf dammaksite. Akkuma ciree isaa nyaatee xumureen ganamaan mana Hawwiifaatti qajeele. Hawwiin haati ishee gabaa waan deemtuuf Roobeeraa waamtee muka mana Hawwiifaa fuuldura taa'anii akka nama kitaaba dubbisuu waa'ee borii mari'atu. Kana utuu haasa'anii dabaree dabareen wal haammatanii wal dhungatu. Harmeen Hawwii bar'iira gahanii waan shakkii qabaniif dhokatanii dhaggeeffachaa ilaalu ture.

Dabareen Hawwii waan ta'eef Hawwiin "Kennaakoo" jettee ofitti qabdee maddiisaa lamaanirra dhungatte. Haammattees ittii bahuu didde. Xiqqoo turtees nii gadhiifte. Gaafa of fuuldura ilaalan Harmeen Hawwii isaan ilaalaa jiru. Harmeen Hawwiis kana gaafa argan amanuu hin dandeenye. Sababiin isaas mucaa isaan akka obbolaatti ilaalantu kana irratti argame. Roobeeraan utuusaan gad jedhanii mataa qabatanii bira darbee manatti gale. Hawwiin lafa jirtuu kaatee kutaa ishee seentee balbala cufatte.

Haati Hawwii balbala Hawwii si'a lama reebdee si'a sadaffaa gaafa balbala rurrukuttu Hawwiin sadaffaa irratti irraa bante. Harmeen Hawwiis erga dheekkamanii irraa fufuttaafatanii booda akka isheen lammaffita Roobeeraa biratti hin argamne itti himanii akeekkachiisa kennan. Hawwiin utuu hin reebamin, utuu dhukkubbiin itti hin dhaga'amin fuula isheerraa boo'ichatu mul'ata. Ifi isheen hamma tokko argitee dukkana abbaaf haatishee isheedhaaf qopheessaa jiran ittiin irraanfattu guyyaa har'aa raawwattee dukkanoofte.

Abjuu ishee sossodaachisu kan hiikuuf, ba'aafi rakkoo isheetti ulfaatu kan qooddatuuf, nama qaba jettee iccitii ishee kan itti himattu har'a daangaa isaan gidduutti ijaaran. Roobeeraaf Hawwiin borumtaasaa kaasanii walitti haasa'uu hin dandeenye. Roobeeraan erga guyyaa gaafasii jalqabee waan sodaateef isheetti haasa'uu dhiise. Hawwiin ammoo na jibbe jettee waan yaaddeef, namni na arges maatii kootti himuu danda'a yaada jedhuun itti haasa'uu sodaatte. Garuu guyyaa gara guyyaatti waa'eemasaa dhiphatti. Yaadni ishii isa bira.

Roobeeraafaan gaafa qormaata biyyoolessaa kutaa 12ffaan fudhatamu keessa waan waliin oodaa turaniif qormaata irratti namni wal yaadate hin jiru. Hawwiin galgala kaaftee hanga ganamaa booyichaan isheetti bari'a. Roobeeraan haa dhiphatuyyuu malee torban qormaataa kana dhiphinatti of hin kennu jedhee sammuu isaa amansiisa. Garuu yaadaan maal akka ta'uuf jiruuf yaadda'a. Haa dhiphatuyyuu malee namni irratti beeku hin jiru.

Erga qormaata fudhatanii xumuranii boodas wal yaadanii dhiisuus wal obsuus hin dandeenye. Hawwiin Roobeeraa lafa itti argitee itti dubbattu dhabdee yaadaan dhiphatti. Roobeeraan akka durii mana Hawwiifaa deemuu dhaabeera. Maatiin isaaniis rakkoon kun erga uumamee akka alagaatti wal ilaalu. Heerumni Hawwii yeroon isaa nii dhiyaate. Harmeen Hawwiifaa wanta qophaa'uun ta'u jalaa qophaa'aa jiru. Hawwiin nii huqqatte. Yaadaan maraachuu malee foormii jaalalli gowwaa nama godha jedhan keessaa waan isheen hin guunne hin jiru. Yaadaan naanna'aa oolti.

Rooberaan erga qormaata biyyoolessaa fudhatees qalamaa fi dabtara lafa hin kaa'u. Innis gowwumaarra darbee raata’e kan jedhaniin ta'eera. Yeroo hundaa nama qayyabatu fakkaatee xalayaa barreessaa oola. Garuu nama ittiin Hawwiitti Kennu dhabee rakkata. Ofii isaatii bilbila haa qabaatuyyuu malee maatiin Hawwii Hawwii irraa bilbila waan fuudhaniif Karaa Kanas cufaa ta'ee argame.

Xalayaan kanaan dura barreesse utuu jiruu utuuma Hawwiin hin argin kun moofa'eera jedhee kan biraa barreessa. Kun gowwummaa jaalalli fidu!

Itti fufa..