HUDHAA Kutaa 13ffaa

Asoosama Jaalalaa

Gaaf tokko Hawwiin teessee karaa Roobeeraa argattu barbaaddi turte. Utuuma yaadduu yaadni tokko dhufeef. Yaadichis "bilbila bitadheen cimeema Roobeeraadhaaf bilbila" kan jedhu ture. Yaada kanaafis sammuushee amansiiftee qarshii waayee isheetiif namicha abbaa qabeenyaa irraa kennameef keessaa qarshii 4000 fuutee, deemtees bilbila tokko bittee gara manaatti deebite. Garuu akka jalqaba yaadde utuu hin taane sodaan itti daga'ame.

Bilbiluufii nii sodaatte. Lakkoobsa bilbilaa isaa sammuu keessaa beekti ture. Garuu bilbiluuf onnee dhabde. Kanaan booda karaa Facebook ergaa barreeffamaa (text) barreessuufii filatte. Facebook kanaan dura waan hin fayyadamneef haaraa banattee fayyadamuu jalqabde. Eenyummeessi Facebook ishees suuraa hin qabu ture. Maqaa Roobeeraan Facebook ittiin fayyadamu duraan kan beektu "Hawi Roba" jedha ture. Garuu Hawwiin har'a si'a meeqa barbaadduyyuu ykn search gootuyyuu wanta suuraa isaa qabu hin arganne.

Garuu maqaa "Hawi Roba" jedhu tokko argattee "Add friend" gootee "Hi!" jetteen. daqiiqaa muraasa booda "hi" kan jedhu deebi'eef. "Lakki kennaan koo akkas naan hin jedhuu tarii nan barre. Sababa suuraatiif ta'a" jettee suuraa bareedaa tokko post goote. "Akkam ati" jetteen. Garuu kan Roobeeraa hin turre. Mucaa amallishee namatti toluufi barattuu akkumashee turte.

Hawwiin amalaafi haalli mucattii baay’ee itti tollaan wal baranii bilbila walii kennanii walii bilbilla jedhan. Akkuma jalqabde Hawwiin Facebook Roobeeraa iyyaafachuu hin dhiifne. Itti fufte utuu barbaadduu kan Keenboon argatte Keenbooniin "hi" jette. Keenboonis deebisuufii dide. Ammas irra deebitee ana Hawwiidha jettee wanta ishee ibsu itti himte.

Keenboonis akkuma argeen "akkam nagaadhaa?" jechuun nagaa gaafate. Isheen garuu nagaa qofa gaafattee "Facebook'n Roobeeraa maaliin jira. maqaa isaa naaf ergi" jetteen. Keenboonis “Black life” jedha jedhee ergeef.

Dhamaatii kanneen booda Hawwiin gammachuudhaan "search" gootee kan jalqaba irra jiru tuqxe. "profile picture'n" isaa suuraa gurraacha ture. "Add friend" gootee "profile" isaa ilaaluu jalqabde. "Profile" isaa jalaa BIO'n isaa akkas jedha ture. "Balleessaa malee hidhamuun balleessuuf nama kakaasa, hidhaanis yeroo mara adabbii balleessaa hin ta'u" kan jedhu ture. Hawwiinis kana arguun imimmaan ija irra gugguute. Roobeeraan gaafa argu dhugaa hin seene. Ariifatee deebiseefii "messagen" ergaaf gaafa jedhu "Hi" kan jedhu arge.

Ergaawwan isaan kara keessaa haasawan akka kanaa gadiiti. Hawwii :- Hi Roobeeraa:- Akkam jirta fayyaa keetii? Hawwii:- Ani nagaadha yaada keerraan kan hafe. Roobeeraa:- Anillee nagaadha baga nagaan dhufte garuu si yaadeera isa obbolummaa. Isa jaalalaammoo abbaa qabeenyaatiifan dhiise. Hawwii:- Siifan bilbilaa narraa kaasi. Roobeeraan:- Tole Ariitiidhaan bilbila isaarratti bilbilteef. Innis irraa kaasee nagaa wal gaafan. Hawwiin "kennaakoo maalif qofaatti na dhiifte? An si malee eenyuunan qabaa? Ati ifa kootiim siin ala du'an filadha. Abbaaf haatikoo hamma kee naaf hin gahan. Ati anaaf ija kooti Kanan ittiin ilaalu Ati anaaf ejjennaa koo Kanan ittiin utaalu Ati anaaf dugda kooti Qaama koo kan hoogganu Anaaf ati tokkodha Wal irraa adda hin baanu".

Roobeeraa:- "Anillee jaalala dhugaan siif qaba garuu na keessatti hiika dhabe. Waan hundumaa caalaa nagaa ta'uu keetu na boonsa. Sin jaalladha. Qormaati akkam hojjettee?" Hawwii:- "Maalan hojjedha rakkookoo beekta, kan qormaataa dhiisi. Ati waan hundumaaf dhiifama naaf godhi" jetteen. Roobeeraa:- "Dhiifama siif godheera. Garuu anaaf ati wal arguun keenyayyuu cimaa jiraa" jennaan Hawwiin haasaa irratti kuttee.

"Amma eessa jirta" jetteen. Roobeeraan "mana keenya fuuldura" jedheen. Hawwiin ammoo "amma abbaankoo mana hin jiru haadha kootiin Siifan biran deema jedheen baha. Wal arginaa mana keessanirraa xiqqoo fagaadhuu gadi bu'ii Qilxuffee jalatti na eegi" jetteen. Qilxuun uffee bakka seenaati. Qilxuu guddaa gaaddisa bal'aa qabu yoo ta'u. kara deeman biyya Nuunnuu jedhamuu gara biyya tibbee jedhamtu kanatti gaafa dhufu utuu qilxuu kana jala hin buufatin hin darbu. Akka namoonni naannochaa dubbatanitti maqaan Qilxuffee jedhu kan mogga'eef bara duriitti Maanguddoon umuriidhaan dullooman tokko karaa utuu deemtuu dadhabbiidhaan humni harkaa dhume. akka taate taatee muka kana jala geessee achi jala boqotte. Kanumarraa ka'uun maqaa muka kanaa "Qilxuu uffee" jettee moggaafte jedhama.

itti fufa !