HUDHAA Kutaa 14ffaa

Asoosama Jaalalaa

Garaan wal jaallatee wal barbaadee wal dhabe, walirraa fagaatees wal dharra'e. Wal argachuuf gahee isaanii raawwachuun bakka beellamaatti wal argatan. Gaafa wal argan walittii bahuu dadhaban. Hawwiin boo'icha jalqabde. Roobeeraan boo'icha ishee dhowwuun "heerumni kee qaata dhiiyate waadaan keenya dhadhaa abidda lixe ta'aa jira" jedheen. Hawwiinimmoo "an simalee du'een bada malee jiraachuu hin danda'u. Kanaaf an yoomiyyuu kanuma keeti, sin jaalladha onneerraa ati kennaa kooti" jetteen. Roobeeraanimmoo "baay’een si galateeffadha hudhama kana keessaa hin baata jedheen abdiin jira. Garuu karaan bahamu hin cima.

Rakkisuus danda'a. Hawwii ofii guuttachuuf yeroo jedhan du'atu ofiin namatti dhiyaata. Adaraa waanan sitti himu wanti barbaade haa ta'u ati lubbuukee du'aaf hin kennin. Obsa guddaan siif hawwa wanti hunduu karoora waaqayyoo malee hin ta'u" jedhee adda Hawwii isa akka biiftuu ifu dibata malee wal qixxaatee jiru sana mataa ishee isa uumamaan luuccaa dheeraa sana irraa ol qabee ofitti qabee dhungate. Hawwiinis "Tole gorsakee fuudheera" jettee saaqxe. Roobeeraa "Eeyyee! akkasitti bareedda... Yeroo hundaa kolfi" Hawwii "anoo baay’een si yaadeyyuu…”

“Gad natti jedhimee sin dhungadhaa!" jettee maddii isaarra dhungatte. "Jaallachuuf dhungachuun cubbuu miti. Wanta jaalala keessatti gadhee ta'e hojjechuutu cubbuudha malee. Animmoo si waanan jaalladheef cubbuun godhe miti, waaqnis garaa nutti hin jabaatu. Maddi jaalalaa, jalqabni jaalalaa fi jaalalli mataansaayyuu isa mitiiree. Kanaaf jaalala keenyatti kan hinaafu hundi nama faayidaa mataasaatiif deemudha. Yoo uumaa keenya kadhanne kadhati keenya hin dhaga'ama jedheen yaada" jettee, walii bilbilla jedhanii jaarsummaa malee Qilxuu uffee jalatti araaramanii gara mana mana isaanii galan. Bilbilaan wal arguun wal dudubbisuun wal arguu itti fufan.

Roobeeraan firiin qabxii qormaata biyyoolessaa kutaa 12ffaa bor gad dhiifama waan jedhameef maal akka deebi'uuf eegaa jira. Hawwiinis kan isheef utuu hin yaadda'in kan Roobeeraa eegaa jirti. Guyyaan qormaata gad dhiifamuus nii geesse. Qabxii Roobeeraa kan dura ilaale Hawwii ture. Baay’ee gammaddeef. Akka mana barumsaa godina sanaatti tokkoffaa bahe. Qabxiin Roobeeraa 626 ture. Kun gammachuu tokko!

Hawwiin garuu sababa rakkinichaatiif dhiphachaa waan turteef dubbiftees iddoo itti laattee waan hin hojjenneef hin darbine ture. Qabxiin deebi'eef 290 ture. Abbaan Hawwiifaa silumayyuu akka isheen heerumtu waan barbaadaniif baay'ee gammadan. Hawwiin gammachuuf gadda wal keessaa itti ta'e.

Roobeeraafaa biraa hafuu isheetti baay’ee gaddite. Barumsa kan biraa barachuuf haatiif abbaan ishee "heerumtee isa bira teessee baratta. Inniyyuu qabeenya waan qabuuf waanati feete si barsiisa. Homaa barumsaaf hin dhiphatin" jedhuun. Hiriyoonni ishee hundi darbaniiru.

Isheen garuu wanta dhiphattuuf utuu isheen daree keessatti yaada yaadduu daqiiqaan qormaataaf kenname irratti dhuma. Kan isheen duwwaa itti kennitellee baay’eedha. Harmeen Hawwiifaa uffata bituu jalqabaniiru. Hawwinis teessee yaaddoodhaan mala maltu yaaddi. Guyyaa bulee bari'u waan haaraa eegdi garuu guyyaa ergaa haaraa fi rakko ishee furuuf fidee dhufu hin argine.

Taa'umsi ishee rakkiseera. Roobeeraan "online" irra yoo hin jiraanne teessee fiilmii ilaalti. Fiilmiin biyya kanaa isheen ilaaltu hundi gaariidhaan jalqabee gidduun isaa gadhee ta'ee dhumarratti gaarii fiilmii ta'u qofa ture. "Yaa rabbi xumura keenya akka fiilmii itoophiyaa godhi" waan jettu natti fakkaata. Asoosamoota baay’ee dubbifti. Sammuun ishee obsaafi haasaadhaan qaramuu dadhabeera.

Guyyaan har'aa oduu haaraa qabattee waan bariite fakkaatti. Bilbila ishee irratti miskoolii 17 "kennaa" jedhu ganama hirribaa kaatee agarte. Ariifattee itti bilbiluuf dirqamte. "Hello! kennaakoo guyyaan har'aammoo maaliin bari'e laata?" jetteen. Roobeeraanimmoo "Hawwiiko naaf gammadi carraa biyya alaatti barachuu naaf bahee jira!" jedheen. "Oh! Congrats! Baga gammadde kennaakoo" jetteen. Hawwiin afaaniin akkas jettee haa gammadduyyuu malee kophummaan isheetti dhaga'ame isa dhumaaf baay’ee ishee yaaddesse.

 itti fufa!