HUDHAA Kutaa 11ffaa

Asoosama Jaalalaa

Hawwiin garuu boo'icha malee homaa deebisuu hin dandeenye. Laaqana nyaachaa jirtu addaan kuttee kutaa ishii seentee cufatte. "Mucaa xiqqoo ganaa guddattu jaarsa guddaatti heerumsiisuuf" haasaan jedhu naannoo biyyattii guutee haasa'amuu jalqabe. Hawwiin jecha Roobeeraa qofa kabajuu malee yaada eenyuuf illee deebii laachuuf yeroo hin qabdu.

Rakkoo kanarraa kan ka'es barumsa ishee jibbisiise. Roobeeraadhaan "garuu atis adaraa jaalalakee natti agarsiisuu yoo barbaaddee barumsa kee seeraan hordofi na faana hin dhiphatin na waliin hin rakkatin" ittiin jette. Roobeeraanis yaadaashee kabajuun utuu dhiphachuun irra jiruu barumsa isaa seeraan itti fufe. Yeroo argattetti Roobeeraa waliin turuu filatti.

Kan ishee yaaddessu sun gaafa isa bira deemtummoo itti caala. Kan ishee sodaachisu gorsaa, taphachiisaa fi waan hundumaan kan ishee gammachiisu takka tureen of biraa dhabaa yaaddoo jedhudha. Mana barumsaa yeroo deeman wal bira taa'u. Ijoolleen isaan ilaaltu hundi ijatti waan isaan bareedaniif.

Warri dhiiraa yeroo hunda Hawwii akka tisiisa madaa argattee itti deddeebi'uun rakkisu. Hawwiin garuu jaalala isa Roobeeraaf qabdu eenyuttillee himtees agarsiiftees hin beektu. Deddeebi'ee yaadaan dhiphatti. Ofitti baay'attee yaadota garaa garaa fudhattee sammuusheetti duulti. "Maalifan uumamee? An akka nama tokkoo maalifan mirga qabaachuu hin dandeenye?

Uumaan gaafa na uume mirga narraa fuudhee dirqama qofaan walakkaa namummaa naaf kennee walakkaa narraa fudhatemoo? Ofiikoorratti mirga hin qabu. Jireenyi koo harka namaa jira. Maalif an Hawwiif kaayyoo kootiif hin jiraadhu?

Kun waaqaan xiiqeffachuu hin ta'in malee bor na heerumsiisu taanaan har'a qoricha dhugeen du'a malee fedhii koo ala eenyummaa koo hin gurguru" jettee of ceepha'aa murtoo ofiif barbaaddi. Abbaafi haatishee yeroo hunda "Ati naqatamtuudha jabaadhu malee" jechuun lafa itti ho'isu. Isheen garuu gaafa waayee isaa itti kaasan ni aarti, ni dheekkamti. Rakkoo kanaa irra kan ka'e torban tokkoof dhukkubsattee sireerra ciifte.

Garuu Roobeeraan deemee dubbisuu baay’ee sodaate. Obsuu waan dadhabeef gaafa Guyyaa 6ffaa mana isaanii deeme. Haati Hawwii "noori mucaakoo, Ati maalif baddee?" jedhaniin. Roobeeraanimmoo "jiraam" jechaa nagaa gaafatee "Hawwiinoo?" jedhee gaafate. Haati Hawwiis "ishiin dhukkubsataa jirti. Tokkittiinkoo maal akka isheen taate hubachuu hin dandeenye. Erga gaafa dhukkubdeetii haasoftee taphattee hin beektu" jedhan. Roobeeraan hidhii xuuxee "eessa jirti?" jedhe.

Kana gidduutti Hawwiin sagalee isaa dhaggeesse. Torban tokkoof iyyitee dubbachuu kan hin dandeenye sagalee damma fakkaatuun guddiftee "Roobeeraa!" jettee waamte. kan owwaate garuu Roobeeraa utuu hin taane harmeen Hawwii ililleen lafa macheessan. Jaalalli kun garuu furtuudhas! Harmeen Hawwii deemanii Hawwii maddii ishee keessa dhungatanii Roobeeraa illee dhungoo hin illeef. Shakkiin garaa isaanii keessa haa bu'u malee gammadaniiru.

Hawwiin "Harmee hin fixxaa maddiisaa eeggedhu" jetteen. Roobeeraan saaqee kolfe. Harmeen Hawwii "taphadhaa ijoolleekoo wantattii tokkon deemee badduu baasaa" jedhanii deeman. Hawwiifi Roobeeraan taphaan utuu mana macheessanii Hawwiin "Roobeera harmeen si hanbifteeettii maddiikee?" jechuun siree irra teessee sagaleefi ilkaan ishee wal simate kanaan itti kolfiti.

Roobeeraan ammoo "maal taate ati hamma kana akkasitti utuu hin dubbatiin kan turte?" jedheen. Isheenimmoo "callisimee ati haasa'uun sirran jiraatu. Hamma kana maal eegda? kan dhuftee nan gaafanne" jetteen. "eenyutu natti hima jetteeti ati hin aarin obsi siin hin jennee an" jedheen. Hawwiinimmoo "obseera garuu nan dadhabe. Boo'ichan hin qabadhu. Haa obsuyyuu malee uumamuu koofaattin gadda. Maalifan ofirratti aangoo hin qabu? jedheen yaada" jette. Kana gidduutti Siifaniifi ijoolleen hiriyootashee dhufan. Roobeeraanis ariitiidhaan Keenbooniin bilbilee waame.

Mana Hawwiifaa ho'isanii baay’ee taphatu. "Hawwii maal taate" jedhe Keenboon. Hawwiinimmoo akkanni taphachaa jiru bartee "" ittiin jette. Kana gidduutti Siifan sagalee aariif dheekkamsaan "fonqaan maali afaanuma keenyaan hin haasoftanii?" jette.

Hundi isaanii Roobeeraa ija keessa ilaalaa taran. Dabareen haasaa kansaa waan ta'eef, Roobeeraanimmoo takka cal jedhee turee "hawwi maal taate" jedhee gara Hawwii ilaale. Keenboon dabareen isa waan ta'eef utuusheen hin dubbatin dursee "ana dabareen turi nan deebisaa" jennaan gara Keenbooniin ilaalan. "Hidhaa turtemoo Hawwiin kan akkas huuqqatte?" jedhee gaaffii irratti gaaffii dabaleef. Dabareen Hawwii waan ta'eef hundisaanii Hawwii ija keessa ilaalan.

Isheen garuu hunda keessaa Roobeeraa ilaalaa "qufaatu na qabe, mataa na cabsa, garaan na dhukkuba, haasa'uu hin danda'u" isaaniin jette. Keenboon dursee "maalinni dhukkubni akkasii? tarii huccuu liqimsitee laata?" ittiin jedhe.

Itti fufa..