HUDHAA Kutaa 5ffaa
Asoosama Jaalalaa

Roobeeraan Gara manaatti erga galee xalayyicha hiikuuf sardame. suuta jedhees xalayicha hiike. Xaliyyicha keessas isa jiru sana argee miira gammachuutiin barreeffamicha bane.

Barreeffamichis xalayaa bifa walalootiin qophaayedha.

Xalayaa jaalalaa - Roobeeraadhaaf

Eegumsan dadhabe

Kanaafan dirqame

Dursee sitti himuufan

Ofiikoo sardame

Gaafuman si argu

Garaan na boora'a

Boqonnaan argadhu

Yaadaanan naanna'a

 Baasee sitti himuuf

Baay’een si sodaadhe.

Callisee taa'uufis

Baay’een si jaalladhe

Waanan jedhun beeku

Atumti naaf bari

Malee natti ulfaate

Maaloo na gargaari

Garaan kee maal yaada

Kankoo suma bira

Wan tokko naaf himi

Dinnaan abdiin muraa!

Akkan si jaalladhe

Sitti himuu kanatti

Deebiisaa naaf fidi

Burtukaana jalatti!

Kennaa xiqqoo kanas maqaa jaalalaatiin guddaa godhii naaf fudhadhu. Nagaa naaf ta'i"

- Hawwii irraa -

Roobeeraan miira gammachuutiin irra deddeebi'ee erga dubbisee booda gammachuu isaa waan godhu wallaale. Takka ala baha takkammoo ol gala, takka uffata jijjiirrata, takkammoo dhaqnasaa isaa dhiqata. Waan butu wallaale.

Gammachuunsaa dachaa ta'e. Sa'atii muraasaa booda yaada deebifatee, "anis xalayaa yoon barreessehoo?" jedhe. "Lakkimmoo haasaa'oo beekaa haasaama kootiinan fixa" jedhee yaadota hedduun guutame. Hawwiin erga keessa isaa bubbultee dhiirarraan kan hafe dubarri kan biraan Hawwii caalaa homaa itti hin fakkaatu.

Ijoollonni baay'een “Roobeeraan maal ta'e?” jedhu. Roobeeraan kanaan dura mandara bohaarsu callisee earphone gurratti kaa'atee mana isaanii fuuldura taa'a. Nagaa irraan kan hafe haasaa kan biraa namatti hin haasa'u. Haati Roobeeraa"maalinnii mucaa koo an dabtara kana baay’ee hin dubbisiin gowwaa si godhaa boqonnaa fudhadhu siin hin jennee" jettiin. Roobeeranimmoo "Harmee kana miti namni yaadu waan gaarii arga jennaan torban tokkoof yaadeen waan argamu arga jedheeni" jedhee haadhasaa xiqqoo bohaarse.

Roobeeraan ganamni mana barumsaa deeman gaafa gahu dhugaa hin seene. Ganamaan ka'ee gara mana barumsaatti qajeele. gaafa gara mana barumsaa gahu waardiyyaa malee barattoonni namni tokkollee hin jiru ture. Balbala mooraa erga seenee booda gara daree seenuuf yeroo ka'utti akka namni hin jirre waan amaneef sagaleesaa xiqqoo ol kaasee "yes... yes... yes... Hawwiin..." jedhee gara dhumaa keenyaniitti aanu gaafa ilaalu baay’ee rifate. Hawwiin yaadaan dhiphachuu irraan kan ka'e galgala sa'aa 12tti raftee hojii manaa waan dagatteef ganamaan mana barumsaa deemtee hojii manaa hojjechaa jirti.

Roobeeraan gaafa ishee argu baay’ee rifate. ija isaa isa akka balalchaa boba'uufi namatti tolu sana gadi qabate. Hawwiinis ija isaa keessa ilaaluu sodaattee calliftee barreeffama barreessite. Kaleessa naannoo walii kan taa'an har'a Roobeeraan karaa duubaa isheerraa fagaatee cal jedhee taa'e. Gara daqiiqaa lama erga taa'anii booda gaafa Roobeeraan ilaalu Hawwiin gadi jetti. Gaafa Hawwiin ilaaltu Roobeeraan gadi jedha. Utuma jedhanii yeroo sadaffaaf ijji Roobeeraaf Hawwii si'a tokko wal irra bu'e. Hawwiin sagalee ishee isa akka aannanii hin quufamne sanaan "Roobeeraa" jette.

Roobeeraan ammoo takka cal jedhee yaadee "na dursiteem" jedhe. Hawwiinimmoo "rakkootu jiramoo na baqattehoo" jettee lafaa kaatee dhaabatte. Roobeeraanis "waanan rifadheefan si sodaadhe" jedhe. Hawwiinimmoo "eenyuun? anamoo?" jettee of ilaalte. Roobeeranimmoo "dhiifama!" jedhee gara isheetti deeme. Isheenis lafa taa'aa turtee gara isaa deemte. Gaafa isa bira geessu Roobeeraan warqee mormaa isheen kenniteef uffatee jira. Gammaddee haammatte. Lamaan isaanii walitti marmanii akka haadhaaf ilmoo gargar baatee walitti deebitee walittii bahuu didan.

Kutaa itti haanu dubbisaa warree kutaa duraa hin dubbisne duuba deebi’uun dubbisaa galatoomaa!