HUDHAA Kutaa 4ffaa
Asoosama Jaalala

Utuu isaan qubeessaa walitti daddabarsanii "dhaabi!" jedha. Yeroo kanatti kanneen qubeessaa walitti daddabarsan bakkuma jirutti dhaabu. Abbaan dhumarratti qubeessaan harkatti hafe ykn irratti "Dhaabi!" jedhame adabbiidhaaf qophaa'a. Filannoo lamatu qophaa'aaf. "Dhugaamoo dirqama filatta?" jedhamaan. Dhugaa yoo filate taphachiisaan gaaffii barbaade gaafata. Gaaffii gaafatames sodaa malee dhugaasaa hima.

Dirqama yoo filate taphachiisaan waan barbaade ajaja. Adabamaanis diduu hin danda'u. Roobeeraafaanis walitti naanna'anii tapha kana taphatu turan. Siifan gadi jettee junuunfattee akka hin arginetti ija ishee qabatte. Hawwii, Keenbooniifi Roobeeraan qubeessaa walitti daddabarsuu jalqaban. Marsaa lama erga walitti daddabarsaniin booda sadaffaarratti Siifan "Dhaabi" jette. Gaafa ol jettee ilaaltu qubeessaan Keenboon irratti dhaabbate.

Siifan - "Dhugaamoo dirqama filatta?"

Keenboon - "Dhugaa"

Siifan - "Shamarran keessaa yeroo jalqabaatiif kan si

dhungatte eenyu jedhamti. Eessa kee si dhungatte?"

Keenboon - "Kan yeroo jalqabaaf na dhungatte haadha kooti.

Maddii koorra na dhungatte"

Siifan "kkkkk hhhh"

Roobeeraa "kkkkkkkkkk"

Hawwii "hhhhh kkk hin ta'u seeraan deebisi"

Siifan "Eeyyee hin ta'u seeraan deebisi"

Keenboon "Hin yaadadhu dhugaa biiftuu natti fakkaata.

Maddiikoorra na dhungatte"

Siifan "Tole ija qabadhu" Keenboonis akkuma ajajame ija qabatee gadi jedhe. Siifan, Hawwiifi Roobeeraan qubeessaa walitti daddabarsuu jalqaban. Marsaa sadii naanna'ee walitti daddabarsanii arfaffaa irratti Keenboon "Dhaabi!" jedhe. Gaafa ija banatee ilaalu qubeessaan Roobeeraa irratti dhaabbate. Keenboon "Dhugaamoo dirqama filatta" jedheeen.

Roobeeraanis takka itti yaadee, "dursa Keenboon dhugaa waan filateef dirqama naaf haa ta'u" jedhe. Keenboonimmoo takka itti yaadee "Deemii rifeensa mataa Hawwii maddii ishiirraa harkaan ol qabii maddii ishee irra sirriitti dhungadhu" jedheen.

Roobeeraanis sossodaachaama lafaa ka'ee gara Hawwii deemee rifeensa ishee dhedheeraa maddii ishiirra ciisu irraa ol qabee maddii ishee irra "Cambaa" godhee dhungatee "karaa mirgaas nan dhungadha mitii?" jedhe. Siifanfaanisi itti kolfanii "Lakki si gahaa koottu deebi'i" jedhaniin. Akkasumaan utuu taphatanii yeroon gahee gaafa bilbilamu gara dareetti deebi'an.

Galgala kana Hawwiin yaada hedduun guutamte. Gurbaa yeroo baay’ee waliin haasa'uufillee carraa dhabde amma walitti dhufeenyi waan cimeef carraa kana maaliinan guddifadha jettee yaaduu jalqabde. Utuma yaadduu yaadi tokko dhufeef "Kennaa warqee mormaa kennaa godhee yoon kenneefoo laata? Oh! Ergan godheemmoo xalayaa waliinan godha" jettee yaada kanarratti murteessite. Akkuma jettes xalayaa barreessitee waraqaadhaan martee warqee mormaa sana keessa keessee fuutee mana barumsaa dhufte.

Mana barumsaa geessee lafa dur teessu dhiiftee lafa Roobeeraafaan jiran naannoo isaanii teesse. Garuu itti kennuu sodaattee si'a meeqa aggaammattee deebifatti. Waan gootu buuftee baaftee yaaddee Siifanitti himuu murteessite. Gaafa boqonnaan gahu dhugaadha hin seene. Roobeeraan burtukaana sana jala akkasaan taa'an waan beekuuf,Keenboon waliin haasaan Hawwiifaa waan suusii itti ta'eef burtukaana jala taa'anii eegan.

Hawwiifanis nii dhufan. nagaa wal gaafatanii tataa'an. Hawwiin yaadaan fagaattee dhiphuun of rakkisuun ishee ammallee hin dhaabatin jira. "Akkam godheen utuu eenyullee na irratti hin barin itti kenna?... Waamee woliin deemuu? Moo asumatti itti haa kennu?"

Gaaffiin jedhu yaadashee keessatti murtoo barbaada. Kana gidduutti Hawwiidhaaf yaadni tokko dhufeef. “har'a tapha bareedaa tokko akka taphannuuf isiniif fideen jira, haa jalqabnu. Ija keessan qabadhaa” jette. Tole jedhanii ija qabatan suuta jettee xalayicha giiphii Roobeeraa keessa keessee akkanni beekuuf immoo suuta dhungattee gurrasaatti "Kankoo" jettee deemtee teesse.

Ija banadhaa jetteenii waan isinitti mul'ate natti himaa jennaan. Roobeeraan harka baasee "Xalayaa" jedhe. Siifanimmoo "Kan maalii?" jette. Gidduutti Hawwiin "Kansaa maal si galche kankee natti himi" jetteen. Keenboonimmoo "Geemiima arabaa nu godhaatii nutti taphadhaakaa. Inni sitti mul'ate maaf natti hin mul’atu, moo isan nama loleefi?" jedhe.

Siifanimmoo "Turi nutis obsineema eegnaa" jette. Akkanumaan osoo haasaa wal harkaa fufuudhanii taphatanii yeroon geenyaan gara dareetti deebi'an. Barumsi xumuramnaan gara mana isaaniittis galan.