HUDHAA Kutaa 3ffaa
Asoosama Jaalalaa

"Haa ta'u, yaada koo naaf eegi" jedhee suuta balbala rurrukute. Hawwiinis balbala bantee seeqxee "Maalif garuu kan barfattan?" jetteen. "Kan har'aa nuuf dhiisi, itti hin deebinuu" jechuun ol seenan.

Hawwiin barattoota gaaffii Afaan Oromoo gaafachaa turte. Barattoonni duraan waan yaalanii dhabaniif gaaffii lama Roobeeraaf Keenbooniin gaafa gaafattu lamaanuu Roobeeraatu deebise. "Si'a sadii harka walitti rukutaafii" jette. Daree guutuun isa isheen si'a sadii jette huursanii kolfan.

Keenboonimmoo "Si'i sadiimmoo maalifgaa innoo gaaffii lama deebisee?" jedhe. Hawwiinis "Roobeeraadhaam" jettee ijasaa keessa ilaalte. Kana gidduutti balballi rurrukutame. Hawwiinis 'seenaa' jette. namni seene garuu hin jiru. Gadi itti baatee gaafa ilaaltu daayreektara ture. Daayreektarris "maal qabdu?" jedhee gaafate. "Afaan Oromoo wal barsiisaa jirra" jennaan dhiisee deebi'e.

Boqonnaan gaafa gahu Hawwii fi Siifan burtukaana daree isaanii fuulduraa tokko jala taa'anii haasaa jalqaban. Hawwiin akkas jette Siifaniin "Dareen keenya kun akkam tokkummaafi jaalala qabaa garuu”? Siifanimmoo "kun wanta nama boonsuufii barumsa nama jaallachiisudha" jette.

Utuusaan kana haasa'anii Roobeeraafi Keenboon dhufanii "Jirtuu?" jedhaniin. Siifan "Jirra biyya keenyaaf" jette. Hawwiinimmoo "Mee turimee dura walii keenyaaf jiraannaa" jette. Roobeeraanimmoo "Waliif jirachuun biyyaaf jiraachuudhaam bareedduu" jedhe. Siifanis yaada isaatti gammaddee "Sirriidha" jette. Keenboonimmoo "Anoo ofiifuu ganaadhaa isin yoom biyyaaf jiraachuu geessanii?" jedhe.Hawwiinimmoo "maaltu sitti hir'ate?" jetteen.

Keenboonimmoo "lakki gurbaa kaleessa na loletu na aarsaa jira" jedhe. "Mucaa kofalchiisaa kana akkam goonaa?" jette Hawwiin. Roobeeraan gidduutti haasaa butatee "Kansaa anaaf dhiisi mee kankoo herregi" jedhee" jedhaamee deemaa jirraa" jedhanii Roobeeraaf Keenboon ni deeman.

Hawwii yaada ishee keessa "Kansaa anaaf dhiisii, mee kankoo herregi" jedhu deddeebi'uu jalqabe. Silas waanta barbaadan karaa argatan barbaadu mitii? Eeyyee! Utuma hin turiin yeroon gahee gaafa bilbilamu hunduu gara daree seenan.

Dabareen kan barsiistuu Boodanee ture. Isheenis akkuma ol seenteen Hawwii waamtee “Gabatee gurraacha kana qulqulleessi" jettee haxooftuu itti laatte. Kana gidduutti dudduubaan haxooftuun Hawwii harkaa butame. Kan harkaa butes Roobeeraa ture. Hawwiin "Kenni Roobeera" jennaan Roobeeraan sagalee gadi qabee "Waliif jiraachuu sila jennen sitti agarsiisaa jira bar" jedheenii deemee haxaawuutti ka'e.

 

Barsiiftuu booddaneen dhuftee "Roobeeraa eenyutu si ajaje siinimmoo?" jetteen. Roobeeraan immoo "Lakki gabatee gurraachatu ana malee jedhe" jennaan akka amala isaanii daree guutuun kolfan.

Jaalalli hiriyyummaa Keenbooniif Roobeeraan waliif qaban kan nama hinaafsisudha. Bakka Roobeeraan jiru Keenboontu jira. Bakka Keenboon jiru Roobeeraatu jira. Wal yaadu. Wal hin nuffan. Iccitii dhuunfaa ofii wal dhoksan hin qaban. Miidhamni Roobeeraa Keenbooniin dhukkuba. Caba Keenboon Roobeeraatu kulkulfata. Jaalala hawwataa waliif qabu.

Guyyaan boriis naannna'ee isaan qaqqabe. Barumsa isaanii boqonnaa duraa erga barataniin booda boqonnaatti daqiiqaa qaban Hawwiifaa waliin dabarsuuf burtukaana jalatti argaman. Hawwii, Siifan, Roobeeraafi Keenboon burtukaana jala taa'anii tapha tokko taphatu turan. Taphichis akkas ture. Walitti naanna'anii geengoo uumanii isaan keessaa namni tokko junuunfatee gadi jedhee ija qabata. Kanneen hafan immoo qubeessaa tokko dabareedhaan walitti kekkennanii walitti daddabarsu. Inni gad jedhee junuunfatee jiru sun taphachiisaa jedhama.