Roobeeraan Mucaa Tokkicha Ture


 

HUDHAA Kutaa 2ffaa
Asoosama Jaalalaa

Roobeeraan mucaa tokkicha waan ta'eef baay’ee jaalatu turan. Barumsa isaatti baay’ee jajjabeessu. "Jabaadhu mucaakoo, bor situ haara na galfachiisa. Jabaattee naaf barattee 1ffaa gaafati baatu nutimmoo waanati feete si badhaafna" jechaa jajjabeessaa barumsa isaatti cimsanii guddisan. Mucaan isaanii Roobeeraanis akkuma guddisa isaanii amalli isaa kan namatti tolu, xinnummaa isaatii kaasee yaada ijoollee isaa oliifi isaa gadii xiinxaluun kan keessaa gaari ta'e fudhata.

Amma yeroo kanatti barataa kutaa kudha tokkooti. yeroo boqonnaa isaatii barsiisaa xiinsammuu bira deemuun gorsa fudhata. Barsiiftuu Boodaneen baay’ee isa jaallatti. Amala isaa fi yaadaa isaa, akkasumas bareedina isaa dinqisiifatti. Kan ishee fooyya'aa waan ta'eef, malee namni isa hin jaallanne baay’ee miti. Ijoolleen Roobeeraatti haasa'an hunduu cal jechuu isaarraa kan ka'e mucaan kun haasaa koo tilmaama jechuun of eeggannoo gochaa dubbatu.

Roobeeraafaan barattoota kutaa 11ffaa baratan turan. Barattoonni daree Roobeeraafaa baay’ee wal jaallatu. Guyyaa boqonaatti qophii addaa addaa, qophii hin jeeqamneef kabaja qabu tokko qabu turan. Qophichis qophii falmii, baacoo, agarsiisa, beekumsaan wal dorgomuu fi kkf ture. Guyyaa tokko qophii isaanii kanarratti dabareen qabxi-qabaaRoobeeraa, Siifanii fi Keenboon ture. Kanneen qophii har'aa irratti dhiyaatan keessaa Hawwiin tokko turte.

Hawwiin mucaa bareedduu mataan ishee dugdarra gahu, ijji ishee akka qaraa nama waraanu, kan ilaaluudhaaf namatti tolu, calala bishaanii fakkaata. Durba amala qabeettiifii haasaan irraa bareedu, akkasumas kan ejjennoodhaafi ofitti amanamummaadhaan haasoftu turte. Haasaa hin baay'iftu. Daftee hin haasoftu. Yaadni isheen namaaf laattus addadha. Qeensi miilla isheetii uumaan waan addunyaa kanarraa kanshee qofa caalchisee kalaqe fakkaata. baay’ee addaata. Akkaataan dubbiifi ejjennoon ishee dhiira of tuffachiisa. Yeroon qophii Roobeeraa fa’aas nii geesse.

 

Qabxii qabdoonni gara fuulduraatti achi bahuun maqaa waaman. Hawwiin dursitee deemaa dhuftee hunda isaanii harka qabdee dhaabachuu jalqabde. Kanneen Hawwii wajjin qoramanis fuulduratti bahaniiru. Utuu itti hin yaadin ijji Roobeeraa Hawwii irra bu'e. Yaada isaatti har'a maaltu kana na ilaalchise jechuun ishee dinqisiifachaa of gaafata. Matadureen qophichaas Roobeeraadhaan kan qophaa'e yoo ta’u,"Jaalala jechuun maal jechuudha? Hiika mataa keetii kenni" kan jedhu ture.

Kanneen Hawwii wajjin jiran dhiyeessanii erga xumuranii booda Hawwiin dhumarratti yaada akkas jedhu laatte."Jaalala jechuun kuusaa tokkummaa fi walitti dhufeenyaa keessaa kan bahe, herreega beektotaatiin fuudhamuuf beekamuu kan hin dandeenye, eenyummaafi maalummaa namaa kan hin ilaalle, waanta akka takaallaatti namatti dhufuufii waliin jiraachuuf karaa dheeressuudha. Kana malees, utuu ati hin eegin lafa eegamutti si eegee dirqamaan kan si xaxudha." jettee deebitee teesse.

Roobeeraanis baay’ee dinqisiifachaa yaadni isheen dhiyeessite sun bareedina isheetii waliin maramee onneesaa keessa kaa'ame. Kan isheen “… kana malees …” jettee dhiyeessite baay'ee isa ajaa'ibe. Roobeeraan takka taa'ee sagaleesaa ol kaasee "kana malees" jedhe. Daree guutuun daqiiqaa lamaaf kolfaan bohaaran.

Xumurarratti gaafa qabxii kennuun gahu Roobeeraan "1ffaa kan bahe Hawwii Gammachuu" jedhee ajandaa yookaan baruulllee qabxii itti qabu teessumarra kaa'ee harka rukuteef. Kanneen hafanittis sadarkaa himee saganticha xumuran.

Dhumarrattis erga bahanii booda Hawwiin hiriyoota ishee wajjin gara manaa utuu galaa jirtuu sagaleen "Hawwii" jedhu dhaga'amnaan dudduuba ilaalte. Sagalichis kan Roobeeraa ture. Utuusheen jalaa hin qabin "si'a tokko sitti haasa'uu?" jedhe. Hawwiinis rakkoo hin qabu jettee ijoollee biraa gara isaa deemtee "Oo Roobeera, maalif na barbaaddee?" jetteen.

Roobeeraan xiqqoo seeqee sekondii 20 kan ta'u ija ishee keessa ilaale. Hawwiinis nii seeqxe. Roobeeraan, "Ati garuu gaafa uumamte na bareechi jettee uumaatti himatteettaa?" jedhe rifeensa mataasaa qaqqabachaa. Hawwiinimmoo kolfitee, "Baay’ee galatoomi atillee baay’ee bareedda amalli kees nama hawwata" Jetteen. Roobeeraan "Maal akka ta'e hin beeku malee waantati raawwattu hunduu akka waanati kankoo taatee na boonsa" jedhe.

Hawwiinimmoo "Roobeeraa! ijoolleen na eegaa jiru dhiifama waan na waamteef natti himi" jette. Kana gidduutti mucaan hiriyaa isaa, Keenbooniifi barataa kan biraan wal lolanii utuu wal reebaa jiranii arganii hunduu gara sanatti fiige.  Roobeeraaf Hawwiinis utuu haasa'anii hin xumurin gara sana deemanii achi turan.

Hawwiin durumayyuu Roobeeraa gaafa argitu ni sodaatti turte. Sodaa isa waliif nahaa, sodaa isa ija fedhii, eeyyee! Sodaa isa kan gaarummaa sana. Isa waliin haasa'uu utuu barbaadduufaa carraa hin arganne. Galgala sanaa kaaftee sammuun ishee maal akka yaadu haa wallaaltu malee gammachuutu keessa ishee guute.

Boriisaa Roobeeraafaan mana barumsaa utuu hin dhaqiin waayee Keenboonif jecha barfatanii gara mana barumsaa imalan. Yeroo isaanii waan hin eegneef waardiyyaan takka ala tursee seensise. Gaafa daree seenuu deeman barsiisaan Afaan oromoo isaanii waan hafeef Hawwiin bakka isaa buutee barsiisaa turte. Roobeeraafaan balbalarra ga'anii Keenboon utuu balbala hin rurrukutin miillasaa ol seensise. Yeroo kana Roobeeraan harkisee gadi baasee "Balbala rurrukunna" jedheen. Keenboonis "Barsiisaan hin jiruum" jedheen.

Itti fufa

Kutaa isaa duraa fii Isa boodaa argachuuf 

Post a Comment

0 Comments