Asoosama Dheeraa HUDHAA


 

HUDHAA kutaa 1ffaa
Asoosama Jaalala

Haalli jireenya dhala namaafi akkaataan jireenyaaf carraa dhala namaa tokko miti. Hawwiifi mul'anni namaas tokko miti. Akkuma kana amalli namaafi kaayyoon jireenya namaas adda adda. Gariin bakka amma irra dhaabbatu akka galma isaatti fudhata. Gariin ammoo galma isaafi kaayyoof mul'ata malee callisee jiraata. Kanneen akkanaaf jireenyi nyaatanii dhuganii fuudhanii ilmaan godhatanii du'uudha. Faallaa kanaammoo isa kaayyoof mul'ata qabuuf jireenyi galma yaadeefi mul'ata jijjiiramarratti qabu bira gahuu taati.


Namni karaa deemu tokko lafa itti deemaa jiruu fi lafa itti dhaabbatu yoo hin beekne kara deemaa jechuurra jooraa jechuuniitu isa ibsa. Dachee kanarratti jireenyi kan itti toluufi jiraachuutti kan gammadu abbaa mul'ataa qofa. Abbaan mul'ataa du'a hin hawwu! Abbaan mul'ataa hin taa'u! Taa'uun isaaf dhibaa'ummaadha. Abbaan mul'ataa abdii hin kutatu! Abbaan mul'ataa hin hinaafu. Abbaan mul’ataa of ta'ee jiraata. Abbaan mul'ataa ofiif guutee biyyaaf dhimmisa!

Abbaan mul'ataa hin ariifatu. Obsi ifa isaati; akka hin gufanneef obsaan deddeebi'a. Hundeen isaa jabaataadha humni xiqqaan isa hin jigsu. Wanti mul'ataa fi kaayyoo malee shoggarame dhuma isaa carraatu murteessa.

Barri isaa bara 2009 A.L.Htti. Birraan bari'ee ganni darbee abaaboon daraareera. Sinbirroonni sagalee isaanii dhageessisaa dachettiirra naanna'u. Uumamni harki uumaa tottolchee babbareechee dachettiirra kaa'e hawwannaan isaan ittiin nama ofitti waaman kana hin jedhamu. Ganama bariitu duumessa bareedaadhaan weerarame. Jalqabbiifi tarkaanfiin ji'a kana keessa heeddumata. Inni tarkaanfate deemsa isa hafe yeroo itti jalqabuufi dachettiin babbarreeddee milkaa'ina simattudha. Qotee bulaan yeroo itti duddaan hirkatee aannan unatu, daldalaan yeroo itti guddachuuf hiixatu, barataanis yeroo itti,

 

"Yaa Tolaa, yaa Tolasaa

Yaa ijoollee lakkuu gamaa

Yaa Biloo yaa Bilisee

Ijoollee obboo Guutamaa

Maayeddu na dhaga'aa!

Yee! Namni hin jiruu qe'ee

Birraa bari'e taa'uu

Yeroon barnootaa gahee!"

jedhee yeroo wal waamee barumsa isaa itti jalqabudha.

* * * * *

Wallagga lixaa godina Qellem wallaggaa keessa biyyi jaalalaafi gaarummaan guutamte tokko jirti. Obbo Firoomsaan godina Qellem wallaggaa aanaa Jimmaa Horroo ganda Tibbee jedhamtu keessatti argamu. Obbo Firoomsaan dhalooti isaanii achuma keessa ture. Abbootii isaaniirraa kan dhaalan jaalalaan jiraachuufii yeroo rakkinaatti wal gargaaruun jiraattota naannoo sanaa waliin jaalala uumuun jiraatu. Egaa akka guddina magaalaa fi wantoota magaalaan tokko guddachuu ibsu keessaa biyyattiin isaan keessa jiraatan ulaagaa waan ishee guuchisu hin qabdu.

Inni guddate bakka guddataa ta'etti waan baqatuuf guddachuu biyyaaf jijjiiramni dhabame. Kana jechuunkoo kanneen qabeenyaan fooyya'an bakka ibsaa, bishaan fi karaa mijataan jirutti waan keessaa deemaniif biyyattiin tuqaa ka'umsaa taate. Jaarsoliifi namoonni naannoo sana jiraatan biyyattiin utuu hin guddatin turuu ishii irraa kan ka'e jecha tokko dudubbatu. "Biyyi kun, keessumattuu isheen Tibbee jedhamtu kun utuu  finfinneedhaaf maqaan hin mogga'iniifi hin hundeeffamin

Tibbee jedhamtee hundeeffamte" jechuun dhadhageettii dudubbatu.

Wantoonni mootummaan gochuu danda'uufi guddinni barbaachisu haa daangeffamuyyuu malee namni biyyattii kana seene hangam yoo keessa tureyyuu biyyattii kana quufuu hin danda'u. Magariisummaan ishee dachee dammaafi aannanii, oksijiinii fayyaalessaan kan faayamte. lafa isheerra waanti barbaade yoo bu'e biqilee sanyii kan ta’u, seeraaf aadaa oromoon wal danda'uun kan jiraattu biyya jaalalaa jedhamuun beekamti.

 

Namoonni dacheettiira jiraatan filatamanii waan achirratti uumaman fakkaatu. Xiqqaan guddaaf kabaja qaba. Guddaan safuufi duudhaa aadaa oromootiin jiraata. Kan kufe kaasuuf malee kan ka'e gad deebisuuf yeroo hin qaban. Gosaa fi amantiin utuu wal hin qoodin gaafa gammachuu waliin nyaatanii dhuganii gammadu. Yeroo gaddaattis walitti birmatanii wal bira dhaabbatu.

 

Obboo Firoomsaan biyyattii kana keessatti nama kabajamaafi jaallatamaa uummata biratti kabaja qabuufi namni isa waliin jirachuu fedhudha. Haadha warraa isaanii aadde Kuulanii waliin biyyuma sana keessatti bultii ijaarratan. Waliin hojjechaa, wal gargaaraa, wal bira dhaabachaa fi waliin ta'uun qarriffaa rakkinaarraa of eegaa maatii jiraatu turan. Haa ta'u malee, haadha warraa isaanii aadde Kuulanii wajjin erga wal fuudhanii waggaa 8ffaatti dhala dhiiraa argatan. Kanumarraa ka'uun maqaa isaa Roobeeraa jechuun moggaafatan.

Kutaa lammaffaan itti fufa

Post a Comment

0 Comments